Jump to content

Ayoonii

Wikipedia irraa

Ayooniin ykn Guuttiiqni buxusa ykn maddarroo guuttii qabudha. Waan guutta'eef naannoo elektirikii ni socho'a. Atoomonni pirootonoota guuttiin eeyyoo qaban, elektiroonota guuttii seelkataa qaban fi niwutiroonii guuttii himbaabsawaa irraa hojjetamu . Ayoononni pirootoonii fi elektiroonota baay’ina wal hin qixxaanne waan qabaniif guuttii ta’u.

Atoomii ykn molakiyuulii irraa guuttiiqa hojjechuun ayoonisaayizeeshinii ykn guuttiiqoomsuu jedhama . Ayoononni lamaa fi isaa ol walitti makamanii mirroo keemikaalaa uumuu danda'u . Walitti hidhamiinsi ayoonota gidduu jiru hidhoo ayoonii jedhama .

guuttiin pirootonii irratti argamu +1 (guuttii eeyyoo) jedhamee filatama. guuttiin elektiroonii irratti argamu guuttii pirootonii irratti argamuun faallaa dha. guuttiin elektiroonii irratti argamu -1 (guuttii seelkata) dha. Atoomiin ayoonisaayizii ta’e kutaa lama, tokko eeyyoo, tokko immoo guuttii seelkata taasisa. Fakkeenyaaf, atoomiin haayidiroojiinii niwutraal pirootoonii tokkoo fi elektiroonii tokko qaba. Atoomicha ayoonii gochuun bakka lamatti isa cabsa: (1) guuttiiqa haayidiroojiinii guuttii eeyyoo qabu, H+ (2) elektiroonii guuttii seelkata qabu.

Dhangala'aan ayoonota qabu elektiroolayitii jedhama . Gaasiin ayoonota baay'ee qabu pilaasmaa jedhama . Yeroo ayoononni socho’an elektirikii jedhama . Fakkeenyaaf, sibiilaa keessatti ayoononni sibiilaa hin socho’an, garuu elektiroononni akka elektirikiitti socho’u. guuttiiqa pozaatiivii fi guuttiiqa negaatiivii waliin ni socho’u. Ayoononni chaarjii walfakkaataa qaban lama addaan ni socho’u. Yeroo ayoononni socho'an dirree maagneetiis ni uumu .

Ayoononni baay’een halluu hin qaban. Elementiiwwan gareewwan gurguddoo Gabatee Peeriyoodii keessatti argaman ayoonota halluu hin qabne uumu. Ayoononni tokko tokko halluu qabu. Sibiilonni ce’umsaa yeroo baay’ee ayoonota halluu qaban uumu.

Keemistirii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fiiziksii keessatti tambiileen buxusaa(atomic nuclei) guutummaatti ayoonaa'e/guuttiqe suuddoo guutta'oo qabu jedhamu . Isaan kun kanneen madaana alfaa keessa jiranidha .

Ayoonaayizeeshiniin kan ta’u atoomotaaf anniisaa olaanaa kennuudhaani. Kunis kan raawwatamu voolteejii elektirikii fayyadamuun ykn madaana guuttiqeessaa anniisaa guddaa qabuun ykn ho’a ol’aanaadhaan .

guuttiiqni salphaan atoomii tokko irraa uuma.

Ayoononni atoom-danee atoomota baay’ee irraa uumamu. Ayoononni pooliyaatoomii yeroo baay’ee atoomota sibiilaa hin taane hunda of keessaa qabu. Garuu yeroo tokko tokko guuttiiqa poliyaatoomii atoomii sibiilaa qabaachuu danda’a.

Guuttiqoonnii pozaatiivii dhundhuliqa(kaatiyoonni) jedhamu . Isaanis gara dhundhultuu(cathodhe) ( utubaa baatrii guuttii seelkataa)tti harkifamu. Ayoononni sibiilaa salphaan hundi dhundhuliqoota.

Ayoononni negaatiivii korsiiqa(anion) jedhamu. Isaanis gara korsiiftuu (utubaa baatrii chaarjii pozaatiivii)tti harkifamu. Ayoononni salphaan sibiilaa hin taane hundi (H +, kan pirootonii ta’e irraa kan hafe) ayoonota dha.

Sibiilonni ce’umsaa dhundhuliqa salphaa tokkoo ol guuttii adda addaa qaban uumuu danda’u.

Ayoononni baay’een isaanii chaarjii 4 gadi kan qaban yoo ta’u, tokko tokko garuu chaarjii ol’aanaa qabaachuu danda’u.

Afaan Giriikiitiin ayoon akka jecha "mitiqa ykn deemuu" jedhuuti. "Anion" fi "cation" jechuun "ol-ba'aa" fi "gadi-bu'aa" jechuudha. "Anode" fi "cathode" "olbaaftuu" fi "gadbuuftuu" dha.

Ayoonota waliigalaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Common cations
Common name Formula Historic name
Simple cations
Aluminium Al3+
Barium Ba2+
Beryllium Be2+
Calcium Ca2+
Chromium(III) Cr3+
Copper(I) Cu+ cuprous
Copper(II) Cu2+ cupric
Hydrogen H+
Iron(II) Fe2+ ferrous
Iron(III) Fe3+ ferric
Lead(II) Pb2+ plumbous
Lead(IV) Pb4+ plumbic
Lithium Li+
Magnesium Mg2+
Manganese(II) Mn2+
Mercury(II) Hg2+ mercuric
Potassium K+ kalic
Silver Ag+ argentous
Sodium Na+ natric
Strontium Sr2+
Tin(II) Sn2+ stannous
Tin(IV) Sn4+ stannic
Zinc Zn2+
Polyatomic cations
Ammonium Template:Chem
Hydronium H3O+
Mercury(I) Template:Chem mercurous
Common anions
Formal name Formula Alt. name
Simple anions
Azide Template:Chem
Bromide Br
Chloride Cl
Fluoride F
Hydride H
Iodide I
Nitride N3−
Oxide O2−
Sulfide S2−
Oxoanions
Carbonate Template:Chem
Chlorate Template:Chem
Chromate Template:Chem
Dichromate Template:Chem
Dihydrogen phosphate Template:Chem
Hydrogen carbonate Template:Chem bicarbonate
Hydrogen sulfate Template:Chem bisulfate
Hydrogen sulfite Template:Chem bisulfite
Hydroxide OH
Hypochlorite ClO
Monohydrogen phosphate Template:Chem
Nitrate Template:Chem
Nitrite Template:Chem
Perchlorate Template:Chem
Permanganate Template:Chem
Peroxide Template:Chem
Phosphate Template:Chem
Sulfate Template:Chem
Sulfite Template:Chem
Superoxide Template:Chem
Thiosulfate Template:Chem
Silicate Template:Chem
Metasilicate Template:Chem
Aluminium silicate Template:Chem
Anions from organic acids
Acetate Template:Chem ethanoate
Formate Template:Chem methanoate
Oxalate Template:Chem ethanedioate
Cyanide CN